Riqicha lafa lafarraa baqate walitti hidhee nama walargisiise

Finfinnee, Amajjii 3, 2016 (FBC)-Ijaarsi Pirojektii Manadara Ikkoo Tuuriizimii Wancii-Dandii carraa hojii lammiilee hedduuf uumetti dabalataan fayadamtoota carraa bu’uuraalee misoomaa fi kanneen biroo taasisuu jiraattoonni naannawichaa ibsan.

Misooma Wancii-Dandiitiin bu’uuaraalee misoomaa ijaaraman keessaa riqichi meetiraa 72 ijaarame isa tokko.

Riqichi kun utuu hinijaaramin dura bishaan guutuu fi haalli teessuma lafa naannawichaa mijataa waan hintaaneef walarguuf rakkachaa akka turan kan dubbatan jiraattonni naannawichaa, har’aa garuu seenaan kaleessaa jijjiirameera.

Adeemsi ijaarsa riqichichaa dargagootaa naannawichaaf carraa hojii uumuutti dabalataan beekumsaa fi ce’umsa teeknooloojii umuun eerameera

Ogeeyyiin ijaarsa riqicha kanaarratti hirmaatan, naannawichi tabbaa fi gaarreen kan heddumaatu ta’uun maashinarii hojii naannawichatti geejjibsisuuf rakkaachaa turuu dubbatu.

Misooma Mandara Ikkoo Tuuriizinii Wancii-Dandii keessatti lammiilee kuma 12 ta’aniif carraan hojii umamuu ibsaniiru.

Hawaasni naannawichaas qabeenyaa umamaa naannawichaarraa daran fayyadamoo ta’uuf carraa argachuun ibsameera.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment