Riqaalee sibiilaa fi haadarraa ijaaraman 12 tajaajilaaf qophaa’aa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti riqaalee rarra’aa 28 hojjetamuuf karoorfaman keessaa riqaalee 12 tajaajilaaf qopheessaa jiraachuu Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii naannichaa beeksise.

Daayreektarri Koominikeeshinii Biirichaa Aadde Masarat Hundee FBC’f akka himanitti, dhaabbata Helvetas Itiyoophiyaa waliin ta’uun Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsii Laga Malkaa Harree irratti riqaa rarra’aa meetira 118 dheeratu ijaarame tajaajila jalqabeera.

Riqaan kunis yeroo tokkotti namoota 100 dabarsuu kan danda’uu fi gandoota Aanaa Heeban Arsii fi Nageellee Arsii walquunnamsiisan rakkoo barootaaf ture kan hiike ta’uus eeran.

Kanaan dura aanaalee kanneeniitti sababa riqaan hinjirreef lagni Malkaa Harree namootarraan miidhaa qaqqabsiisaa turus, yeroo ammaa riqaa rarraatuu hojjatameen furmaata argachuu jiraattoni naannawichaa ibsaniiru.

Lammaa Tasfaayeetuu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment