Finfinnee, Caamsaa 19, 2013 (FBC) – Rippaablika Diimookiraatawaa Koongootti dhoo’iinsi Volkaanoo muudachuu danda’a sodaa jedhuun lammiileen biyyattii hedduun godaansaaf saaxilaman.
Mootummaan biyyattii magaalaa Gommaa jedhamtuutti dhoo’iinsi Voolkaanoo muudachuu waan danda’uuf jiraattoonni magaalicha gadi lakkisaanii akka ba’an hubachiiseera.
Guyyoota afur dura dhiyeenya magaalaa Gommaa gaara Niiyaaraagoongoorratti dhoo’insi Voolkaanoo muudate lubbuu namoota 32 galaafachuun kan yaadatamuudha.
Dhoo’insi kun ammaas magaalaa Gommaatti tasa muudachuu akka danda’u mootummaan biyyatti sodaa qabu ibseera.
Sababa dhoo’insa Voolkaanoo gaara Niiyaaraagoongoorratti muudatee tureen jiraattoonni baqatanii turan gara mana isaaniitti deebi’uu eegalinsi irra deebiin magaalicha gadi lakkisanii akka ba’an akeekkachiifni laatameera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.