Riikkardiin meetira kuma 10 Atleet Yaalemzarfi Yewuhaalaa ragga’e

Finfinnee, Mudde 14, 2015 (FBC) – Riikkardiin meetira kuma 10 Atleet Yaalemzarfi Yewuhaalaa Atleetiksii Addunyaan beekkamtii argateera.

Atleet Yaalemzarfi dorgommii fiigicha fageenya meetira kuma 10 Ispeen Kaasteeloonitti gaggeeffameen riikkardii fooyyessuun injifachuun kan yaadatamuudha.

Fageenyich Atleetii Keeniyaa Jooseeliin Jeeppikoosiggiin daqiiqaa 29 fi sekondii 43 qabamee ture.

Yaalemzarfi fageenyicha daqiiqaa 29 fi sekondii 14n xumuruun riikkardii idichaa fooyyessuu ishee ragaan Atleetiksii Addunyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment