Riikardiin waggoota 16f Atleet Qananiisaa Baqqalaatin qabamee ture dargaggoo Yuugaandatiin cabe

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (FBC) – Riikardiin waggoota 16f Atleet Qananiisaa Baqqalaatin qabamee ture dargaggoo Yuugaandatiin cabe.
 
Lammiin Yuugaandaa Jooshuwaa Cheepteegeen kaleessa Faransaay Moonaakootti dorgommii Diyaamand Liigii gaggeeffameen, waggoota 16f riikardii Atleet Qananiisaa Baqqalaatin qabamee ture fooyyesseera.
 
Atleetichi fiigicha meetira kuma 5 waggoota 16f galmaa’ee ture sakandii lamaan fooyyessuu danda’eera.
 
Dargaggoon waggaa 23 kun bara darbe Shaampiyoonaa Addunyaa Doohaarratti meetira kuma 10 yoo injifatu, riikardii fiigicha meetira kuma 5 fooyyessuuf karoora akka qabu ibsuun isaa ni yaadatama.
 
Akkaatuma kanaan dorgommii kaleessa gaggeeffameen fiigicha meetira kuma 5 daqiiqaa 12 fi sakandii 35 fi maayikiroo sakandii 36 xumurun injifachuu danda’eera.
 
Qananiisaa Baqqalaan waggaa 16n har’aa fageenyicha daqiiqaa 12 fi sakandii 37 fi maayikiroo sakandii 35 xumuruun isaa ni yaadatama.
 
Atleetichi riikardii haaraa yoo galmeessisu kan kaleessaa isa lammaffaadha.
 
Gurraandhala darbe dorgommii kiilo meetira 5 sa’aatii fooyyessuu danda’eet ture.
 
Quxusuun atleetichaa Jooseefas hirmaannaasaa dorgommii Diyaamand Liigii jalqabaa kaleessatiin obboleesasaatti aanee lammaffaa ba’eera.
 
Dorgommii kaleessa gaggeeffame kana daawwattoonni kumni 5 qofti daawwataniiru.
 
Isaanis haguugduu afaanii fi funyaanii godhataniiti kan ilaalan.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment