Finfinnee, Gurraandhala 19, 2014 (FBC) –Riifoormiiwwan aaka Raayyaa Ittisa Biyyaatti taasifamu keessatti ga’een nama baratee murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay ibsan.
Yuunivarsiitiin Injineeringii Raayyaa Ittisa Biyyaa barattoota 396 Guulantaa hanga Digrii 2ffaa gosa barnoota adda addaatiin barsiisaa ture Eebbisiise.
Eebbifamtoonni guyyaa har’aa dandeettii fi beekumsa turtii isaanii keessatti gonfatan fayyadamanii bu’aa buusuu akka danda’an haala mijataa uumamuu akka qabuu fi eebbifamtoonnis kanaaf of qopheessuu akka qaban Dooktar Abrahaam, dubbataniiru.
Bakka bu’aa Diinii Yunvarsiitiichaa kan ta’an Letenaal Jeneraal Gazaany Fiqaaduu gamasaaniin eebbifamtoonni guyyaa har’aa dandeettii qorannoo fi qo’annoo argataniin teeknooloojiin fayyadamuun rakoolee mudatan furuun hawaasa tajaajiluu akka qaban eeraniiru.
Akka biyyaatti rakkoolee keessaa fi alaa nu mudachaa ture Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta’uun kara milka’ina qabuun kan xumurre humna barate waan horanneef jedhaniiru.
Baratoonni har’a eebbifamanis ogummaa barataniin jaalaala biyyaaf qaban akka mul’isan abdiin qaba jechuu isaanii rgaan Kominikeeshinii magaalaa Bishooftuurraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.