Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC)- Riifoormiin Humna Addaa kan gaggeefamuuf nageenya ummataa, tokkummaa biyyaa kan raggaasisuu fi humna nageenyaa cimaa ijaaruuf akka ta’e Itti Gaafatama Waajjiraa Damee Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yeshiixilaa dubbatan.
Obbo Girmaan humna addaa Naannoo Amaaraa Raayyaan Ittisa Biyyaa wayita ganametti birmadummaan biyyaa wayita qormaataa keessa galtetti wareegama kan kaffale ta’uu yaadachiisaniiru.
Obbo Girmaan turtii AMC waliin taasisaniin, riifoormiin humna addaa kan gaggeefamuuf nageenya ummataa fi tokkummaa biyyaa kan raggaasisuu akkasumas humna nageenyaa cimaa ijaaruufi jedhan.
Riifoormii kana hordofees Naannoo Amaaraatti waliigalteen dhabamuun umamee dhimmicha ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu dhabuun ta’uu ibsan.
Riifoormiin humnoota addaa taasisuun murtee bubbule ta’uu kaasanii, hojiirra oolmaan isaas sababa walitti bu’iinsa kutaa Kaabaan harkifachuu ibsaniiru.
Naannichatti, wayitaa Raayyaan Ittisa Biyyaa sochii taasisuu akka waan humni biraan naannichaa seeneetti ajandaan tamsaafamaa jiru raayyaa cimaa tokko ijaaruuf adeemsaa gaggeeffamu kan miidhu ta’uu ibsaniiru.
Humni addaatti naannichaa seene akka hinjirres mirkaneessaniiru.
Mootummaan naannichaa fi Paartiin Badhaadhinaa rakkoolee naannichatti mudatan furuuf hojjechaa jiraachuu eeruun, keessumaa beekkamtii hoggantoota naannichaan ala riifoormii humna addaan walqabatee miidiyaa hawaasummaarratti, humni addaa hidhannoo akka hiikkatutti odeeffannoon tamsaafamus sirrii akka hintaane hubachiisaniiru.
Fuuldurattis daandii tasgabbaa’aa fi mariidhaan hojiin deebisanii gurmeessuu akka gaggeeffamu ibsaniiru.
Ityoophiyaa nageenya amansiisatu barbaachisa kan jedhan Obbo Girmaan kana milkeessuufis Naannoon Amaaraa itti gaafatama olaanaan hojjechaa jiraachuu ibsaniru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.