Riifoormiin Damee qonnaa wabii nyaataa mirkaneessaa jira – Obbo Tamasgeen Xirunaa

Finfinnee, Hagayya 8, 2016 (FBC) – Riifoormiin Damee qonnaa wabii nyaataa mirkaneessaa jiraachuu Ministirri Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan ibsan.

Riifoormiin damee qonnaan taasiifame jijjiirama qabatamaa fiduu eeraniiru.

Obbo Tamasgeen Xirunaan Fooramii Qonnaa fi Invastimantii biyyaalessaa mata duree ‘kuufama damee qonnaa haa fayyadamnu’ jedhuun qophaa’e bananiiru.

Dameen qonnaa xiyyeeffannoo addaa fi hojmaata ammaayyaan deeggaramee bu’aa akka fiduuf mootummaa fi qonnaan bulaan murannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Riifoormiin Itiyoophiyaan damee qonnaan hojiirra oolchaa jirtu bu’aa jajjabeessaa galmeessuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen himaniiru.

Bu’aan argames Invastimantiin alaa akka si’oomu taasiisaa jiraachuu eeraniiru.

Fireehiwaat Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment