Riifoormii hojiirra oole guddina diinagdee itti fufiinsa qabu ijaaruuf kan dandeessisaniidha – Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Qaammee 2, 2016 (FBC) – Qaammeen 2, Guyyaan Riifoormii mata duree ‘Riifoormii Tajaajila Caalmaaf’ jedhuun kabajamaa jira.

Riifoormiin waggoottaan darban hojiirra oole guddina diinagdee itti fufiinsa qabu ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Sirna Ijaarsa Diimookiraasii fi Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin ibsaniiru.

Damee hundaan hojiileen jijjiiramaa qormaatilee hunda dandamachuun guddina waaraa mirkaneessaa jiraachuu eeraniiru.

Damee Diinagdeen wabii nyaataa mirkaneessuurratti, qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu fi madaala daldala alaa sirreessuurratti tarkaanfiwwan fudhataman bu’aa argamsiisaniiru jedhan.

Imaammanni Maallaqaa hojiirra ooles dhiibbaa liqaa fi idaa hir’isuun milkaa’ina galmeesseera.

Imaammanni Taaksiis galiin mootummaa akka guddatu taasiisuu kaasuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment