Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Reenfi Artistii hangafaafi qabsaa’aa Oromoo Zarihuun Wadaajoo buufata Xiyyaaraa idil Addunyaa Booleetti simatameera.
Simannaa kanarratti Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis dabalatee qondaaltonni olaanoonn mootummaa federaalaa fi naannolee, waayillan hojiisaa, jaalllattoonni isaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Reenfi isaas gara mana jireenyaasaa Kutaa Magaalaa Buraayyuutti geeffameera.
Sirni awwaalcha isaa boru Magaalaa Finfinneetti Mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaatediraalii Qulqulluu Sillaaseetti kan raawwatu ta’uu koreen dhimmichaaf hundaa’e ibsuun kan yaadatamuudha.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.