“REACG DIGITAL” Itiyoophiyaatti invastimantii damee geejjibaarratti bobba’uuf fedhii akka qabu ibse

Finfinnee, Amajjii 5, 2017 (FMC)- Dhaabbanni Gamtaa Emereetota Arabaa “REACG DIGITAL” Itiyoophiyaatti invastimantii kenniinsa eeyyama konkolaachisaa fi dameewwan biroorratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibse.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu simeen jila diinagdee Gamtaa Emereetota Arabaa waliin mar’ataniiru.

Dooktar Alamuu Simeen, diinagdeen Itiyoophiyaa saffisaan guddachaa jiraachuu fi dhaabbileen invastimantiin yoo hirmaataan hariiroo biyyootaa lameenii cimsuutti dabalataan, haalota mijatoo jiraniin bu’aa qabeessa akka ta’an ibsnaiiru.

Hojiilee dijitaalawaan deeggarsi akka taasifamu kan kaasan Dooktar Alamuun, balaa tiraafikaa hir’isuuf kenniinsa eeyyamaa konkolaachisummaa, galmeessa konkolaataa fi hojiilee qorannoo irratti yoo hirmaatan deeggarsi kan taasifamuuf ta’uu dubbataniiru.

Dabalataan, buufata xiyyaaraa guddichaa fi ismaartii ijaaramuuf sirna quunnamtii odeeffannoo fi hojiilee parkiingii ismaartii magaalaa irratti carraaleen invastimantii bal’aan akka jiran eeraniiru.

Damichaan galma biyyaalessaa, imammataa fi tarsiimoo akkasumas onnachiistuuwwan jiran biyyattiin kutannoo misoomaa waaraa damee geejjibaa fi loojistiksiin jiraan bu’aa qabeessumma kan mirkaneessan ta’uu himaniiru.

Dameewwan ivastimantiif filataman keessaa misoomaa buufataa, ijaarsa giddugaloota loojistiksii, bu’uuraalee misoomaa geejjiba baaburaa, tajaajila geejjibaa fi aviyeeshinii irratti carraalee invastimantii mijatoon jiraachuu kaasaniiru.

Bakka bu’oonni Dhaabbata Gamtaa Emereetota Arabaa “REACG DIGITAL” maricharratti hirmaatanis kenniinsa eeyyama konkolaachistootaa fi sirna galmeessa konkolaataa dabalatee bu’aalee teeknooloojii damichaarratti hirmaachuuf fedhii akka qaban ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment