Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC)- Rasaasni karaa seeraan ala konkolaataatti fe’amuun daddabarfamaa ture kumni 9 ol to’annaa jala ooluu poolisiin magaalaa Finfinnee ibseera.
Rasaasni kun sakattoo tajaajilli nageenya odeeffannoo fi miseensonni poolisii magaalaa Finfinnee taasisaaniin to’annaa jala oolaniiru.
Poolisiin magaalaa Finfinnee akka ibseetti konkolaatichi ka’umsa isaa magaalaa Dabra Birhaan taasisuun magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee aanaa 11 maqaa adda Gooroo jedhamu wayita ga’u to’atameera.
Namni dhuunfaa yakkichaan shakkamees to’annaa jala ooluun qorannoo taasifamaa jira.
Daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa ittisuuf tattaaffii taasifamuu hirmaannaan hawaasaa shooraa akka qabu ibsamuun, cimee itti fufuu akka qabu poolisiin gaafachuu ragan fuula miidiyaa hawaasaa poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.