Rasaasni Kilaashii fi Zinnaarri Bireenii qaama konkolaataa keessa dhokfamuun gara Finfinnee gale kumni 6 ol to’atame

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Rasaasni Kilaashii kumni 6 olii fi Zinnaarri Bireenii 14 qaama konkolaataa keessa dhokfamuun gara Finfinnee gale to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beekssiise.
Poolisiin magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Tika Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa waloon ta’uu meeshaalee waraanaa kana harkaa fi harkatti to’achuu ibsameera.
Rasaasni Kilaashii kumni 6 fi 985 fi Zinnaarri Bireenii tokkoon tokkoo isaa Rasaasa 492 qabachuu danda’u 14 magaalaa Bahaar Daarii ka’uun qaama konkolaataa keessa dhokfamuun Finfinnee gale kutaa magaalaa Gullallee aanaa 10 iddoo addaa Addisuu gabaa Dilbarri jedhamutti to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiiseera.
Dhimmichaan walqabatee shakkamtoonni 2 fi konkolaataan tajaajila seeraa alaaf oolaa ture to’annoo jala ooluun qoratamaa jiraachuu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment