Rasaasni karaa seeran alaa Magaalaa Adaamaa seenuuf ture kumni 4 fi 603 to’atame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2014 (FBC) – Rasaasni karaa seeran alaa Mataaraa ka’uun Magaalaa Adaamaa seenuuf ture kumni 4 fi 603 to’atamuu Komishiniin Gumurukaa beeksiise.

Rasaasni Kilaashii kumni 1 fi 828 fi Bireenii kumni 2 fi 775 to’atamuu komisnichi ibseera.

Konkolaachisaa fi namoonni dhimmicha waliin shakkaman yeroof kan miliqan yoo ta’uu, Poolisiin Federaalaa fi Hoggantoonni Komishinii Gumurukaa hordoffii taasiisaa jiraachuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment