Ramaddiin dorgommii Tapha Kubbaa Miilaa ‘Sekaafaa’ umrii waggaa gadii 23 ba’e

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC) – Ramaddiin dorgommii Tapha Kubbaa Miilaa ‘Sekaafaa’ umrii waggaa 23 gadii ifoomeera.
Tapha Kubbaa miilaa ‘Sekaafaa’ umrii waggaa 23 gadii Adooleessa 10,2013 eegalee Istaadiyeemii magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffamuuf ramaddiin biyyoota hirmaatanii ifoomeera.
Ityoophiyaa, Eertiraa fi Burrundiin garee tokko keessatti ramadamaniiru.
Affeerramuun kan hirmaattu Rippaablik Diimookiraatik Koongoon Shaampiyoonaa bara darbee Ugaandaa fi Taanzaaniyaa waliin ramadamteerti.
Sudaan Kibbaa, Jiibuutii fi Keeniyaan garee tokko jalatti ramadamuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment