Ramaddiin barattoota Yuunivarsiitii seenanii akkaataa fedhii fi dandeettii isaaniin raawwatama – Piro. Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Onkololeesa 8, 2016 (FBC) – Ramaddiin barattoota barana Yuunivarsiitii seenanii akkaataa fedhii fi dandeettii isaaniin kan raawwatamu ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsan.

Bu’uura fedhii fi dandeettii isaaniin dhiibbaa tokko malee kan raawwatamu ta’uu eeraniiru.

Barattoota dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa bara barnootaa 2014 qormaata Ga’umsa dandeettii/ Remiidiyaalii qoraman kuma 145 keessaa kumni 90 ol qabxii seensa dhaabbilee barnootaa olaanoo galmeessu Piroofeesar Birhaanuun dubbataniiru.

Bara kana barattoota bara 2015 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramuun qabxii seensaa argatan kuma 27 ol waliin ida’amuun waliigalaan barattoonni kumni 117 ol gara Yuunivarsiitiwwan Mootummaa garaagaraatti kan ramadaman ta’uu eeraniiru.

Ramaddiin Barattoota kunneenii akkaataa fedhii fi dandeettii isaaniin kan raawwatu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment