Rakkoon weerartoonni ofitti fidaa jiraan hanga yaadamu ol balaa ta’uu mala –Vilaadmiir Putiin

Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC) – Raashiyaan birmadummaan daangaa ishee yoo sarbame malee Niwukilarii kan hin fayyadamne ta’uu beeksifte.
Yaaliin Raashiyaa to’achuuf taasiifame hundi guutummaatti fashalaa’uu Pireezidaantiin biyyattii Vilaadmiir Putiin dubbatanii turan.
Rakkoon weerartoonni yeroo ammaa ofii isaaniin ofitti fidaa jiraan hanga yaadamu ol balaa ta’uu akka malu dubbataniiru.
Ololli miidiyaaleen biyyoota lixaa Mooskoon Meeshaa Waraanaa Niwukilarii hawaa keessatti bobbaasuufi jechuun oofaa jiran olola bu’uura hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Kunis shira Ameerikaan Raashiyaarratti xaxaa jirtu ta’uu eeraniiru.
Raashiyaan yoo birmadummaan daangaa ishee sarbame qofa Niwukilarii kan fayyadamtu ta’uu Dubbii Himaan biyyattii Diimiitirii Peeskoov ibsa kaleessa kennaaniin himaniiru.
Qaamni birmadumaa daangaa ishue sarbuuf yaalu jiraannaan Niwukilariin kan haleeltu ta’uu dubbachuu RTn gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment