Rakkoon Sodaa Nageenyaa Afrikaa mudate furmaata barbaada – Obbo Tamasgeen Xirunaa

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2017 (FBC) – Rakkoon Sodaa Nageenyaa yeroo ammaa Afrikaa mudate mariirra darbee dhimma furmaata waaraa barbaadu ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan ibsan.

Obbo Tamasgeen Yaa’ii Ministiroota Raayyaa Ittisaa Afrikaa mata duree ‘tokkummaa cimaa Afrikaa, nageenya hundagaleessaaf’ jedhuun magaalaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti taa’amaa jirurratti hirmaataniiru.

Sodaan Nageenyaa Afrikaa yeroo ammaa haala yaaddessaarra gahuu haasawa baniinsaa taasisaniin ibsaniiru.

Walitti bu’iinsa, waldhabdee daangaa ce’aa fi gochaa shororkeessummaa goonkuma to’achuun hin danda’amne jedhan.

Biyyoonni gara nageenyaa fi tasgabbiitti deebi’anis yeroo ammaa sodaan nageenyaa haaraan isaan mudachuu ibsaniiru.

Yaa’ichi dhimmoota kanneeniif furmaata waloo fiduurratti xiyyeeffatee kan taa’amu ta’uu ibsameetra.

Fireehiyiwaat Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment