Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) – Rakkoon naannoo Tigraay dhimma keessoo Ityoophiyaati jedhan Itti aanaan Preezdaantii Sudaan Kibbaa Huseen Abduul Baaggii Akool.
Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiil Maahiddiin haala waqtaawaa Ityoophiyaa fi raawwii nageenyaa Sudaan Kibbaa ilaalchisee Itti aanaa Preezdaantii fi Qindeessaa Kilaastera Tajaajilaa Sudaan Kibbaa Huseen Abduul Baaggii Akool waliin mari’ataniiru.
Hariiroon biyyoota lamaanii bu’uura cimaarratti kan hundaa’ee ta’uu Ambaasaaddar Nabiil dubbataniiru.
Hariiroo kana caalmaatti cimsuuf Proojektoota misoomaa waloon deeggaruun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Hojiin bu’uuraalee misoomaa Daandii fi Humna ibsaan biyyoota lamaan walitti hidhuuf hojjetamaa jiru saffisiisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Ambaasaaddar Nabiil adeemsa marii sadee hidha haaromsaa, haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi sagantaa Ashaaraa magariisaa ilaalchisee itti aanaa Preezdaantichaaf ibsa taasiisaniiru.
Itti aanaan Preezdaantii fi Qindeessaa Kilaastera Tajaajilaa Sudaan Kibbaa Huseen Abduul Baaggii Akool gama isaaniin Ityoophiyaanoonni bilisummaa Sudaan Kibbaaf wareegamni kaffalan hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti kan cimse ta’uu dubbataniiru.
Hoggantoonni Sudaan Kibbaa Ityoophiyaaf kabaja addaa qabu jedhan.
Hariiroo kana caalmaatti cimsuuf bu’uuraalee misoomaan biyyoota lamaan waliitti hidhuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Rakkoon naannoo Tigraayiitti uumame dhimma Keessoo Ityoophiyaa ta’uu isaan giddugaltummaan alaa hin barbaachisu jechuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.