Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala naannichaa ilaalchisee ibsa kenneera.
Rakkoon bu’uuraa Oromoo kaleessarraa kaasee hanga har’aatti fala argachuu dadhabe tokkummaa dhabuu ta’uu ibseera.
Waldhaggeeffachuurra of dhaggeeffachuun, waliin dhaabachuurra wal faallaa dhaabachuudha rakkoo hammaataa ta’uu himeera.
Akeekaafi kaayyoo sabaa garaagarummaa hin qabneef gamaa gamana dhaabatanii walgooluun rakkoo ijoo ta’uu kaaseera.
Amalli akkasii jaarraa tokkoo oliif nufaana guddate kun kaleessaa hanga har’aatti qormaata nutti ta’ee jira jedheera.
Tokkummaa keenya laaffisuun akka sabaatti aggaammii alaatiif nu saaxileera jedhe ibsa kenneen.
Naannichatti nageenya waaraa fiduuf qondaaltootaafi miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhatan waliin marii taasifamaa jiruun dhimmoota bu’uuraa irratti wal hubannaan uumamaa jiraachuu beeksiseera.
Mariin kun egeree fi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti araara buusuun nageenya waaraa fiduu irratti kan fuulleeffate ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa ibsa baaseen himeera.
#Oromia #Ethiopia