Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin rakkooleen sochii Invastimantii quunnaman saffisaan furamuu akka qaban hubachiisaan.
Rakkoolee Invastaroota alaa Ityoophiyaa keessa jiran muudatan furuuf waltajjiin qindoomaa biyyaaleessaa hundaa’e walga’ii idilee gaggeesseera.
Rakkoolee kutaalee biyyattii garaagaraatti sochii Invastimantii muudatan saffisaan furamuu akka qaban obbo Dammaqaan hubachiisaniiru.
Rakkoo damichaan jiru waaraan furuuf sirni itti gaafatamummaa hanga sadarkaa gadiitti diriiruun hordoffii fi to’annoon taasiifamuu qaba jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.