Rakkooleen nageenyaa naannoo Albuunni ba’utti uumamamu furmaata barbaada jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2013 (FBC) – Rakkoo nageenyaa naannoo Albuunni ba’utti uumamamu furuuf Ministeera Nageenyaa waliin waliigalteerra ga’amuu Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa beeksiise.
Rakkoolee nageenyaa iddoole Albuunni ba’utti uumamamu furuuf Ministeera Nageenyaa waliin waliigalteerra ga’amuu Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaan himaniiru.
Bara dhufu damicharraa galii Doolaara biiliyoona 1.5 argachuuf karoora ba’erratti naannolee walii waliigalamuu dubbataniiru.
Karooricha milkeessuuf rakkoolee nageenyaa damichaan muul’atu furuun dirqama ta’uu himaniiru.
Galiin Ityoophiyaan damee Albuudarraa argachaa jirtu daraan dabalaa jiraachuu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.
Bara kanas Albuudarraa galii olaanaan argamuu Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaanii eeraniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment