Rakkooleen Afriikaa Afrikaanotaan akka furaman Ityoophiyaan murannoo cimaa qabdi- Amb. Tashoomaa Togaa

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC) – Rakkoleen Afrikaa Afrikaanotaan akka furaman Ityoophiyaan murannoo cimaa qabdi jechuun Chaayinaatti Ambaasaaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Togaa ibsan.

Ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa miseensa Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afriikaa fi Miseensaa Jijjiiramaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Beejiingitti argamaniif haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa kennaniiru.

Ambaasaaddar Tashoomaan ibsa kennaniin, kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti sababa shororkeessaa ABUT’n walitti bu’iinsi mudate, karaa nagaan akka xumuramuuf mootummaan tattaaffii walirraa hincinne taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkooleen Afrikaa, Afrikaanotaan akka furaman Ityoophiyaan murannoo cimaa akka qabdu ibsuun, adeemsa marii nageenyaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamuuf hawaasni idil addunyaa deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.

Afrikaanonni harka walqabachuun tokkummaa fi walta’iinsaan yoo hojjenne rakkoolee mudatan salphaatti hiikuun ni danda’amas jedhan.

Ambaasaaddaroonni gama isaaniin, birmadummaa fi tokkummaan Ityoophiyaa cimee akka itti fufuu fedhii qabaachuu ibsuun, kanaafis Ityoophiyaa cinaa akka dhaabbatan ibsuu Chaayinaatti ragaan Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Qajeelfamni rakkoolee Afrikaa Afriikaanotaan jedhu murteessaa ta’uus mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment