Rakkoolee waaraan furuuf harki nageenyaa mootummaa hin kottoonfatu- Obbo Adam Faarahi

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Rakkoolee Ityoophiyaatti mul’atan waaraan furuuf harki nageenyaa mootummaa kan hin kottoonfanne ta’uu Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa  Obbo Adam Faarahi ibsan.

Rakkoolee kaaba biyyattii waliin walqabatan waaraaan furuuf mootummaan ulaawwan nageenyaa banaa taasisee eegaa jiraachuu eeraniiru.

Rakkoolee keessoo biyyattii furuuf  lammiileen waltumsuun, kutannoofi mariif qophii ta’uun qaamolee maraa barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Keessumaa waraana kaaba biyyattiin walqabatee rakkoo jiru karaa nageenyaa hiikuuf gama mootummaa kutannoon jiraachuu eeruun, qaamolee badiin itti fufuu barbaadan bira garuu yaadoleen faallaa ta’an jiraachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa qajeeltoo rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa jedhuun nageenyaaf dursa kennee hojjechaa jiraachuu ibsuun, rakkoolee biyyattii keessatti mul’atan waaraan furuuf harki mootummaa nageenyaaf diriirfate kan hin kottoonfanne ta’uu addeessaniiru.

Faallaa kanaa qaamoleen alaa akkaataa adeemsa qajeelfama hin hordofneen dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa kan seenan jiraachuu eeruun, gareewwan shoroekeessitootaa biyya keessaas sochiiwwan badii isaanii itti fufuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment