Rakkoolee ummataa ijoo ta’an furuuf hojii bu’aa qabeessi hojjetame – Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Hagayya 20, 2015 (FBC) – Rakkoolee ummataa ijoo ta’an furuuf hojii bu’aa qabeessi hojjetamuu Itti Aanaa Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin ibsan.

Karoorri Addaa carraa hojii uumuu fi qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu baatiwwan sadan darbanii gamaaggamameera.

Obbo Adam Faaraahi dabalatee hoggantoonni Biiroolee daldalaa naannolee fi carraa hojii uumuu argamaniiru.

Hojiin carraa hojii uumuu fi qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu dhimma ijoo paartii fi mootummaan qindoominaan hojjetamaa jiran ta’uu eeraniiru.

Gaaffileen ummataa saffisaan akka deebi’an hoggansi siyaasaa xiyyeeffannoo addaan hojjechuu akka qaban yaafachiisaniiru.

Bara 2016 keessa lammiilee miiliyoona 3.5 oliif carraa hojii umuuf karoorfamuu Ministirri Ministeera Ogummaa fi Hojii Aadde Mufariyaat Kamiil ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment