Rakkoolee jiraniif furmaata waaraa kennuuf waliin mari’achaa waloon hojjechuun barbaachisaadha – Piroofeesar Masfin Ari’aayaa

Finfinnee, Caamsaa 21, 2016 (FBC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa boqonnaa marii jalqabaa magaalaa Finfinnee Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeessaa jira.
Rakkoolee Itiyoophiya hidda gadi fageeffatan madda isaarra adda baasuuf marii kutaalee hawaasa hundaa hirmaachise marii guddaa, bu’aa qabeessaa fi biyyaaf Utubaa ta’u taasiisuun murteessaa ta’uu Komishinarri Olaanaan Komishinii Maree Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ari’aayaan ibsaniiru.
Rakkoolee jiraniif furmaata waaraa kennuuf waliin mari’achaa waloon hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Bu’aa haaraa argachuuf daandii haaraa imaluun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Mariin kun aadaa siyaasaa haaraa kan gabbisuu fi biyya waloon ijaaruu keessatti gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Rakkoo keessoo barootaf turan mariin furuun nageenya biyyaa bu’uura cimaan ijaaruuf tattaaffii taasiifamu milkeessuuf marii murteessaa ta’uu Piroofeesar Masfin dubbataniiru.
Boqonnaa marii jalqabaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti bakka buutoonni kutaalee hawaasaa aanaalee magaalichaa 119 irraa walitti babba’an hirmaachaa jiru.
Marii kanaan qaamoleen Yaa’ii Maree biyyaaleessaa keessatti hirmaatan kan itti filataman ta’uu eerameera.
Comments (0)
Add Comment