Rakkoolee godaantoota seeraan alaarraa gahu ittisuuf dhaabbileen qindoominaan hojjechu qabu jedhame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015 (FBC)- Rakkoolee godaantoota seeraan alaarraa gahu ittisuuf dhaabbileen qindoominaan hojjechu qabu jedhame.

Waltajjiin marii raawwii hojiilee baatiiwwan jahan darbanii Qindominni Tumsa Godaansa Biyyaalesaa gaggeefameera.

Waltajjicharratti Bulchiinsa Godaansaa waliin hariiroo kan qaban qondaaltonni dhaabbiilee mootummaa, Idil Addunyaa fi Ogeeyyiin biroon argamaniiru.

Godaansa seeraan alaarraatti rakkoolee mudatan furuu, ittisuu fi kallatti fuulduraa ka’uuf akka ta’e eerameera.

Baatiiwwan jahan darban sochii hawaasaa siviilii guddisuu, yakka dameecha ittisuu, dandeettii yakka ittisuu Qindominaa Tumsa Godaansa Biyyalesaa guddisuun hojiilee xiyyeeffannoon hojjetamaa turan ta’uun ibsameera.

Godaansa daangaa ce’oo to’achuuf Ityoophiyaan sanada waliigaltee mallateessuu gabaasichaan eerameera.

Yismaawu Adaraawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment