Rakkoolee dhaabbiilee fayyaa keessatti mul’atan dhaabbiilee deeggarsaa hirmaachisuun hiikuuf ni hojjetama- Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC)- Rakkoolee dhaabbiilee fayyaa keessatti mul’atan dhaabbiilee deeggarsaa hirmaachisuun hiikuuf kan hojjetamu ta’uu Ministirri Minsteera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan dubbatan.

Dooktar Liyaan kana kan jedhan guyyaa har’aa godina Jimmaatti wayita dhaabbiilee fayyaa garaagarraa daawwatanitti.

Dooktar Liyaan godinichatti hospitaala Saqqaa fi bufataalee fayyaa biroo daawwataniiru.

Hanqinni Anbulaansii fi meeshaalee wal’aansaa kenna tajaajilaa irratti rakkoo uumaa jiraachuu ogeessootnii fi jaarsooliin biyyaa kaasaniiruufi.

Rakkoowwan eeraman hiikuuf dhaabbiilee waliin ni  hojjanna jedhaniiru.

Jiraattootni, hoggantootnii fi ogeessootni dhaabbilee fayyaa babal’isuu fi fooyyeessuuf hojii qindoominaan hojjataa jiran Dooktar Liyaan diniqisifataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment