Rakkoolee damee fayyaarratti mul’atan sirreeffamu akka qaban Koreen Dhaabbii ibse

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC)- Rakkoolee damee fayyaarratti mul’atan sirreeffamu akka qaban Koreen Dhaabbii ibseera.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti, Koreen Dhaabbii Fayyaa, Misoomaa Hawaasummaa, Aadaa fi Dhimmoota Ispoortii rakkoolee damee fayyaarratti mul’atan sirreeffamu akka qabu hubachiiseera.

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa magaalaa Baatuutti Hospitaala Baatuu fi buufanni fayyaa Koree Dhaabbii kanaan daawwatameera.

Rakkooleen hospitaala Baatuu misooma bu’uuraa, meeshaalee yaalaa, dhiyeessi dawaa, baajataa fi hanqina humna namaa ta’uun mirkanaa’eera.

Koreen Dhaabbii kun Waldaa maanguddootaa magaalaa Baatuus daawwachuun waldichi bara dheeraaf iddoo ijaarsaa gaafatan deebii kan hin arganne ta’uu fi bulchiinsi magaalichaa gama maanguddoota deeggaruun hanqina qabaachuu mirkaneesseera.

Kantibaan Magaalaa Baatuu Obbo Gazzahaany Dajanee rakkoolee jiran furuuf kan hojjetamu ta’uu himuun, bulchiinsa magaalichaatti sirna kenninsa tajaajilaa fooyyeessuuf torbeetti guyyaa 3 maamila keessummeessuuf murtaa’ee hojjetamaa jira jechuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’ootaa Uummataarra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment