Rakkoo Sudaan haala furuun danda’amurratti miseensonni IGAD ejjennoo walfakkaataarraa ga’uun eerame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2015 (FBC)- Jibuutiitti yaa’iin Dhaabbata Misooomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) gaggeeffameerratti rakkoo Sudaan haala furuun danda’amurratti biyyoonni miseensa dhaabbatichaa ejjennoo walfakkaataarraa ga’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.

Dubbii Himaan Ministeera dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa miidiyaaleef kennaniin, yaa’ii IGAD irratti dureewwan biyyoota miseensaa fi Komishiniin Gamtaa Afrikaa dabalatee hoggantoonni dhaabbilee idil addunyaa argamuu himan.

Yaa’ichi dhimma Sudaanirratti xiyyeeffannaa olaanaan mari’achuun murteewwan furmaataa fuulduree kaa’uun eerameera.

Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni naannawichaa afur rakkocha furuuf hojiilee barbaachisan akka dhugoomsaniif filatamaniiru jedhan.

Biyyoonni afuranuu guyyoota 10 booda Finfinneetti walarguun akka mari’atanii fi murtoo akka kaa’an himaniiru.

Dhaabbaticha waggoottaan sadan darban kan gaggeessan Dooktar Warqinaa Gabayyoon, tasgabbii fi nageenyaa biyyoota naannwichaa akkasuma waloon misoomuuf ga’umsa hoggantummaa argisiisaniin irra deebiin Dhaabbaticha akka hogganan filatamuun Ityoophiyaaf milkaa’ina biroo ta’uu kaasaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaan idileedhaan dhaabbatarra darbee ajandaa Afrkaa akka ta’uuf hojjechaa jirtus biyyoonni miseensa mul’aticha qooddachuun, qaama sagantichaa ta’uun milkaa’inaa hojiilee dippilomaasii Ityoophiyaa ta’uun ibsameera.

Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirii Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Saa’ud Arabiyatti yaa’ii Qindoomina Idil Addunyaa Shororkeessummaa Ittisuuf Hundaa’ee gaggeeffamerratti, hirmaachuun Ityoophiyaan shororkeessummaa ittisuu dursitee eegaluu fi murannoo qabdu kan irratti argisiiste ta’uu eerameera.

Obbo Dammaqaan yaa’ichaan cinaattis Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Biliinkaniin dabalatee dureewwan biyyootaa waliin marii bu’aa qabeessaa taasisuu Ambaasaaddar Mallas Alam ibsaniiru.

Ittaanaan Muummee Ministiraa Fi Ministirii Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Saa’ud Arabiyatti yaa’ii Qindoomina Idil Addunyaa Shororkeessummaa Ittisuuf Hundaa’ee gaggeeffamerratti, hirmaachuun Ityoophiyaan shororkeessummaa ittisuu dursitee eegaluu fi murannoo qabdu kan irratti argisiiste ta’uu eerameera.

Obbo Dammaqaan yaa’ichaan cinaattis Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Biliinkaniin dabalatee dureewwan biyyootaa waliin marii bu’aa qabeessaa taasisuu Ambaasaaddar Mallas Alam ibsaniiru.

Firehiiwot Saffiiwutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment