Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)-Rakkoo raabsaafi gurgurtaa Boba’aa irratti mul’atu furuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Daldalaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaan ibsaniiru.
Mootummaan misooma dinagdee biyya keenyaaf dhiheessiin boba’aa murteessaa ta’uu hubachuun qaalayiinsa gatii idil_addunyaawaa ta’e hordofee olka’iinsa gatii mudachaa jiru damdamachiisuuf deeggarsa maallaqaa taasisuun alaa galchaa kan tureefi jiru ta’uu ibsaniiru.
Kana malees, sharafa biyya alaa irraa argaturraa baasii guddaa boba’aadhaaf ramaduun sochii bal’aa taasisaa turuu himuun, boba’aa biyya alaatii galu dhiyeessitoonni, raabsitoonniifi fayyadamtoonni tokko tokko bifa qusannaafi itti gaafatamummaa qabuun fayyadamuurra, fedhii dhuunfaa isaanii dursuun qisaasuu, lammileetti gatii dabaluu, dhoksuufi dinagdee danquuf gochaaleen taasifamaa jiru dhimma hatattamaan sirrachuu qabu ta’uu himaniiru.
Rakkooleen akka naannoo keenyaatti rabsaafi fayyadama boba’aa irratti mudachaa turaniifi jiran qamolii qaxxaamuraan duroomuuf yakka irratti bobba’aniin raawwatamaa jiraachuu aadde Masarat dubbataniiru.
Qorannoo jiruun abbootiin qabeenyaa tokko tokko Kontiroobaandiif haala mijeeffachuun haga biyya alaatti baasuuf yaaluu, Aanaalee raabsa boba’aa hin qabnee sababefachuun karaa seeraan alaatiin qaamota eeyyama hin qabnetti gurguruu, Konkolaatoonni tokko tokko saalbaatiyoo dabalataa uummachuun waraabanii warra liitiraan bakkeetti daldalanitti kan kennan ta’uus eeraniiru.
Gama biraan dhaabbileen raabsa boba’aa akkaataa qajeelfamaatiin hanga wal harkaa fuudhiinsa boba’aa taasisan irratti iftoominni dhabamuufi baajajii keessa Jaarkaanii dhiksuun waraabuun karaa haqa hin qabneen gurguruufi Konkolaataan tokkoo iddoo adda addaatii deddebi’ee waraabuun hawaasa osoo hin tajaajille tajaajila hin malleef dabarsuun kan mul’atu tahuu eeraniiru.
Kana malees, bittaafi gurgurtaan boba’aa karaa diijitaalaa ta’uu osoo qabuu kaffaltii harkaafi harkaatiin gurguruun jiraachuun qorannoo geggeeffameen bira ga’amuus himaniiru.
Baatii jahan darbe to’annoofi hordoffii godhameen beenzinaafi naafxaa liitira kuma 300 fi kuma 29 fi 880 tilmaamaa Birrii miiliyoona 33 fi kuma 300 fi kuma 18 fi 688 karaa seeraan alaatiin dabarfamaa ture kan dhaalame tahuu kan himan Aadde Masarat Abbootii qabeenyaa raabsaa boba’aa seeraan alaa irratti hirmaatanii fi namoota, ogeessotaafi hoggansa daldala seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin bulchiinsaafi seeraa fudhatamuu himaniiru.
Uummannis qaamota yakka kana irratti hirmaatan saaxiluu akka qaban kan ibsan Aadde Masarat caasaaleen mootummaa sadarkaan jiranis seerotaafi hojmaata sirna raabsaafi itti fayyadama boba’aa irratti ba’e mulkeessuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
#Oromia #Ethiopia