Rakkoo nageenyaa sarara baaburaa Ityoo- Jibuutii irratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) – Waltajjiin marii rakkoo nageenyaa sarara baaburaa Ityoo- Jibuutii  adda baasuun yaada furmaataa dhiyeessuurratti kaayyeffate gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministir Deetaa Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii obbo Bari’oo Hasan dabalatee hojii raawwachiisaa olaanaa Waldaa Aksiyoonaa Ityoo- Jibuutii Dooktar Abdii Zannabaa fi hoggantoonni Biiroo Geejjibaa naannolee fi magaalotaa argamaniiru.

Rakkooleen nageenyaa bu’uuraalee misoomaa sarara baaburichaarratti raawwataman ga’ee sararichi Ityoophiyaaf ba’uu qabu akka hin ba’anne taasisuu Ministir Deetaa Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii obbo Bari’oo Hasan eeraniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaan Waldaa Aksiyoonaa Ityoo- Jibuutii Dooktar Abdii Zannabaa, waggoottan arfan darbanitti geejjibni baaburaa Ityoo- Jibuutiin geejjiba fe’umsaanis ta’e uummataan guddina qabatamaa agarsiisuu ibsaniiru.

Oomishaalee alaa galan kanneen akka xaa’oo, qamadii fi zayitaa geejjibsiisuurratti ga’ee olaanaa qabaachaa turuu yaadachiisuun, gufuuwwan sararicharra ga’an qindoominaan furuuf waltajjiin marii akka kanaa barbaachisaa ta’uu dubbachuu ragaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistikiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment