Rakkoo nageenyaa muul’atu sirreessuu fi furuun ga’ee hunda keenyaat – Paatriyaarkii Abuna Maatiyaas

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Rakkoo nageenyaa yeroo ammaa biyyattii keessatti muul’atu sirreessuu fi furuun ga’ee hunda keenyati jedhan Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaas.

Haala yeroo fi dhimmoota mana amantichaarratti mata duree “Gaarummaa eenyutu nutti agarsiisa?” jedhuun mariin paanaalii gaggeeffamaa jira.

Nageenyi biyyaaf murteessadha, nageenya malee misoomni hin jiratu waan ta’eef hundi keenya harka walqabannee nageenya biyyattii eeguutu nurraa eeggama jedhan.

Marii kana kan qopheesse Mana Amantaa Ortodoksii Ityoophiyaatti lallaba wangeelaa fi qaljeelcha ergama duuka buutootaa yoo ta’u, dureewwan amantaa, hayyoonnii fi caasaaleen mana amantichaa irratti argamaniiru.

Biyya abbootiin keenya wareegama kanfaluun nu dhaalchisan dhaloonni ammaa jalalaa fi tokkummaan dhaloota egereef dabarsuuf itti gaafatamummaa fudhachuu qabu jedhan paatriiyaariikichi.

Rakkoolee yeroo ammaa iddoo tokko tokkootti mul’ataa jiru qorannoo saayinsaawaa fi namuusa hayyummaan furuu qabna jedhan.

Dhaloonni meeshaalee daldaltoota siyyaasaa ta’uu akka hin qabne itti gaafatamaan waajjira waliigalaa mana amantichaa qulqulluu Abunee Yaareed dubbataniiru.

Manni amantichaa akkuma bilisummaa amantaalee biroo kabajdu kan ishees kabajamuu qaba jedhan.

Mariin paanaalii kun oolmaa guyyaa tokkoon dhimmoota ijoo ta’an 4 irratti marii ni gaggeessa jedhameera.

Shumat Alamaayyahuu fi Haymaanoota Iyyaasuutu gabaase

Comments (0)
Add Comment