Rakkoo nageenya tiraafikaa furuuf lammiin hundi itti gaafatamummaasaa ba’uu qaba- Obbo Laachisaa Hayyuu

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC)- Itti aanaan Hoogganaa Biiroo Eejansii Geejjiba Oromiyaa Obbo Laachisaa Hayyuu rakkoo nageenya tiraafikaa furuuf lammiin hundi itti gaafatamummaasaa ba’uu qaba jedhaniiru.

Guyyaan ayyaana sosochii torbee nageenya tiraafikaa magaalaa Bishaan Gurraachaatti kabajameera.

Qajeeltoowwan tiraafikaa hojirra oolchuun lubbuu nama baraaruu fi balaa tiraafikaa hir’isuun ni danda’ama jedhameera.

Itti gaafatamtuun eejansii geejjibaa magaalaa Bishaan Gurraachaa aadde Musliimaa Suleeyman dhiyeessii fi kenna tajaajilaa jabeessuun balaa ga’u hambisuuf cimnee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Ayyaanni kun akka biyyaattii fi naannootti   yeroo 3ffaaf kan kabajamu yoo ta’u, akka Bishaan Gurraachaatti yeroo jalqabaatiif kabajameera.

Qaamolee hirmaannaa nageenya tiraafikaa irratti hirmaachuun bu’aa gaarii galmeessanii beekkamtiin kennameera.

Rakkoo dhiyeessii fi beenzilaa kenna tajaajila ummataa keessatti  hudhaa geejjibaa ta’eera jedhame.

Jibriil Huseentu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment