Rakkoo naannoo 22titti uummameen lubbuu darbeef qaamoleen sababa ta’an itti gaafatamu – Injiinar Taakkalaa

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinnee naannoo 22tiitti rakkoo uumamee fi lubbuu darbeef qaamoleen sababii ta’an itti gaafatamu jedhame.
 
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan akka beeksisanitti lubbuu dargaggootaa darbeef qaamoleen sababii ta’an seeran ni gaafatamu.
 
Injiinar Taakkalaan dhimmichaan walqabatee fuula Feesbuukii isaaniirratti akka beeksisanitti, walitti bu’iinsichaaf sababii kan ta’ee fi qaamni lubbuu dargaggootaa darbeef balleessaa qabu ni gaafatama.
 
Mootummaan dhaabbilee amantaa waliin, qabiyyee fi ragaa seera qabeessummaa laachuurratti yeroo kamuu caalaa walitti dhiyeenyan hojjechaa jiraachuus beeksisaniiru.
 
Injiinar Taakkalaan gochichaan gadda itti dhaga’ame ibsuun, maatii fi firoottan isaanitiif jajjabina hawwaniiru.
 
Dhimmichaan walqabatee shakkamtoonni 7 to’annoo jala ooluu isaanii kan ibsan Injiinar Takkaalaan, gochichi mootummaa fi mana amantaa Ortodooksii bakka kan hin buune ta’uu himaniiru.
 
Ammaas dhimmicha ilaachisee qorannoon gaggeeffamaa jiraachuus dubbataniiru.
Comments (0)
Add Comment