Rakkoo mana jireenyaa jiraattootaa furuuf hojjechaa jirra – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen jireenyaa jiraattoota harka qaleeyiif ijaarsiisaa ture dabarseera.
Teeknooloojii garaagaraa fayyadamuun manneen jireenyaa yeroo gabaabaa keessatti haaromsuu fi ijaaruun rakkoo hawaasa harka qalleeyyii furuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirra jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.
Gara fuulduraattis filannoowwan biroon rakkoo mana jireenyaa jiraattootaa furuuf ni hojjenna jedhan.
Bulchiinsi magaalichaa jiraattoota harka qalleeyyii kutaa magaalaa Addis Katamaatiif carraa manneen waliin jireenyaa baasuun dabarseera.
Aadde Adaanach Abeebeen manneen waliin jireenyaa ijaarsi isaa xumurame carraa baasuun jiraattoota kanneeniif furtuu laataniiru.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment