Rakkoo Kaaba Ityoophiyaa karaa nagaan furuuf tattaaffii taasiisamu Fiinlaand kan deeggartu ta’uu beeksiifte

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) –Rakkoo Kaaba Ityoophiyaa karaa nagaan furuuf tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasiisaa jiru Fiinlaand kan deeggartu ta’uu beeksiifteerti.
Mana Maree Bakka Bu’oota Uummaataatti walitti qabaan Koree dhaabbii dhimmoota nageenyaa fi hariiroo alaa Dooktar Diimaa Nagawoo bakka bu’aa addaa nageenyaa Gaafa Afrikaa Paarlaamaa Fiinlaand Suuldaan Sa’iid fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Fiinlaand Ootii Hooloopooyina waliin mari’ataniiru.
Hariiroo Paarlaamaa biyyoota lamaanii haala caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Dooktar Diimaan haala waqtaawaa Ityoophiyaa qaamolee kanneeniif ibsa taasiisaniiru.
Ityoophiyaan adeemsa jijjiiramaa keessatti hojiilee jajjaboo raawwatus adeemsicha keessatti qormaatileen garaagaaraa ishee qunnamuu himaniiru.
Rakkoolee Kaabaa biyyattiitti muudatan karaa nagaan furuuf mootummaan sochii taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
Ityoophiyaan dhimma keessoo ishee ofiin furachuuf tattaaffii taasiiftu mootummaan Fiinlaand deeggaruu akka qabu gaafataniiru.
Suuldaan Sa’iid gama isaaniin tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa rakkoo kutaa Kaaba biyyattiitti muudate karaa nagaan furuuf taasiisu Fiinlaandi deeggarsa hunda galeessa kan taasiiftu ta’uu ibsaniiru.
Fiinlaand walitti bu’iinsi naannichaa karaa nagaan akka hiikkatuu fi hariiroo biyyoota gaanfa Afrikaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf Paarlaamaan biyyattii Adoolessa 2,2014 dhalataa Somaaliyaa Suuldaan Sa’iid Ahimaad bakka bu’aa addaa taasiisuun muuduun kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment