Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC)- Saa’uud Arabiyaattii rakkoo, hidhaa fi dhiibbaan Ityoophiyaanootarra gahaa jiru kan mormu hiriirri Imbaasii Saa’ud Arabiyaa Finfinneetti argamutti gaggeeffameera.
Hiriirichi Mata duree ‘ ani lammiikoof’ jedhuun kan gaggeeffame.
Hirmaattoonni hiriirichaa dubartoota, daa’immaanii fi dargaggoota Saa’ud Arabiyaatti argamaan irratti dhiibbaan qaqqabaa jiru akka dhaabbatu gaafataniiru.
Ityoophiyaanoonni biyyichatti argaman rakkoon mirga namoomaa irratti raawwataa jiru dhaabbachuun lammiilee mana hidhaa keessaatti argaman gara biyyasanii akka deebi’aan gaafataniiru.
Saa’udiitti Ityoophiyaanoonni kumni 80 ol mana hidhaa keessaatti argamu jechuun EBCn gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.