Finfinnee, Guraandhala 26, 2015 (FBC) – Rakkoo gama kalaqaan jiru hiikuun interpiraanaroota hedduu horachuun badhaadhina milkeessuuf hojjachaa jirra jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Intarpiraayizoonni ce’an waan xiqqoo irraa gara guddaatti hojiin guddachuun akka danda’amu agarsiisaniiru jedhan Obbo Shimallis.
Dargaggoonni naannoo Oromiyaa raajii hojjachuu danda’uu ibsuun, hoggansi naannoo Oromiyaas qabatamaan hojjachuun hoggansa diinagdee ta’uu mirkaneessera jedhaniiru.
Qusannoon murteessaa ta’uu hubachuun faayidaa gabaaban osoo hin sobamin qusachuun jijjiirama itti fufiinsan boruu keenyaafi biyya keenyaa jijjiiruu danda’u fiduuf hojjachuun murteessa ta’uus dhaamaanii jiru.
Mootummaa naannoo Oromiyaa Interpiraayizoota har’a ce’aniif haala kan mijeessu ta’us kaasaniiru.
Seeran alummaa gama diinagdeetiin jiru irratti hojjachuun biyya hundaaf mijooftuu taate ijaaruun murteesaaa ta’uu hubachiisuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.