Rakkoo Dhangaggaa’ummaa biyyee furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – BQO

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC) – Rakkoo Dhangaggaa’ummaa biyyee furuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.

Oromiyaatti lafa qonnaaf oolu keessaa hektaarri miiliyoonni 2 oli dhangaggaa’ummaa biyyeef saaxilamuu qorannoon ni agarsiisa.

Qonna dhangaggaa’ummaa biyyee dandamachuun oomisha kennan kanneen akka buna, baala shayee fi moosee kilaasteraan misoomsuu, xaa’oo uumamaa kompoostii idilee, raaammoofi siicoo bal’inaan qopheessuu fi Nooraa oomishuun qonnaan bultootaaf rabsuun oomishtummaa lafaa dabaluurratti hojjetamaa jiraachuu biirichi ibseera.

Dhangagggaa’ummaa biyyee dandamachuuf hojii bara kana xiyyeeffannoon hojjetameen Nooraa kuntaala kuma 130 oomishuuf karoorfamee, kuntaalli kumni 196 fi 790 oomishuun kuntaalli kumni 190 fi 425 raabsamuu ibsameera.

Kana keessaa hanga ammaatti kuntaalli kum 165 fi 904 lafa hektaara kuma 8 fi 877 irratti hojiirra ooluu ibseera.

Oomishtummaa lafaa dabaluuf lafa dhangaggaa’ummaa biyyeen miidhame dandamachiisuuf xiyyeeffannoo olaanaan kan hojjetamu ta’uu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

.#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment