Finfinnee, Sadaasa 6, 2017 (FBC) – Oomishaalee hojmaata Moonoopiiliif saaxilamanii turan keessaa tokko kan ta’e rakkoo Daldala Oomisha Ashaboo furuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen eeraniiru.
Rakkoolee Sirna Daldalaa biyyattii keessaa tokko sirnicha dorgommiif haala mijeessuurra namoota muraasaan akka qabaman taasiisuun isa ijoo ta’uu Dooktar Kaasahuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.
Rakkoolee kanneen furuuf qajeelfamni gabaa Daldala Ashaboo fooyya’uu eeraniiru.
Qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin mariin bu’aa qabeessi taasiifamuun hojiin galtee walitti qabuu hojjetamuu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia