Rakkoo balallii Kaartuum- Finfinneerratti mudate qorachaan jira- Daandii qilleensichaa

Finfinnee, Hagayya 13, 2014(FBC)- Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa rakkoo balallii xiyyaara imaltootaa Kaartuum-Finfinnee balali’aa turerratti mudate ilaalchisee qorannoo taasisaa jiraachuu ibse.

Rakkichaan walqabatee miseensonni balalii yeroof hojiirraa ittifamuu daandichi beeksiseera.

Daandichi dhimmicharratti ibsa baaseen, Xiyyaara daandii qilleensichaa ET343 Sudaan Kaartuum irraa gara Finfinnee imalaa ture hariiroon isaa Giddugala To’annoo Tiraafikaa Finfinnee jirurraa addaan cite turuu ragaan agarsiisu isa gahuu ibseera.

Xiyyaarichi hariiroo inni giddugala to’annoo tiraafikaa Finfinnee jiru waliin taasisu erga sirratteen booda nagaan qubachuu eerameera.

Rakkichaan walqabatee hojjettoonni balalii xiyyaaricha keessa turan yeroof hojiirraa ittifamuun qorannoon taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Daandiin qilleensichaa bu’aa qorannoo argamurratti hundaa’uun tarkaanfii barbaachisaa kan fudhatu ta’uu ibseera.

Nageenyaa maamila isaa eeguun hojiisaa duraa ta’uu eeruun, hojiisaa kanas cimsee kan itti fufu ta’uu addeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment