Rakkolee dubartootarratti mul’atan furuuf ka’umsaa isa adda baasuun hojjechuu qabna- Pir. Saahilawarqi Zawudee

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Rakkolee dubartootarratti mul’atan furuuf ka’umsaa isa adda baasuun hojjechuu qabna jechuun Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen dubbatan.

Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen yaa’ii hoggantootaa Siyaasaa Dubartootaa Giriik Ateensirratti hirmaachaa jiru.

Yaa’icharratti haasawaa taasisaniin, hongantoonni dubartootaa walqixxummaa koorniyaa qaama hojii isaanii guyyuu akka taasifatan waamicha dhiyeessaniiru.

Dubartoonnii jijjiiramaa hogganuu qabu kan jedhan Pireezidaanti Shaahilawarqi, dureewwan Afrikaa ajandaa 2063 irratti bu’uureffachuun, galmoota qabaman galmaan ga’uu qabu jedhaniiru.

Gufuuwwan dubartootarratti dhiibbaa qabaatan furuurratti tattaaffii olaanaan akka taasifaman gaafataniiru.

Dubartoonni Afrika sadarkaa addunyaatti dorgomtoota akka ta’an ga’oomsuun murteessaa akka ta’ee kaasaniiru.

Sadarkaa hoggansa olaanaarra baay’inni dubartootaa jiran gadaanaa ta’uu fi dubartoota hedduu gara hoggansaatti fiduun barbaachisaadha jedhaniiru.

Rakkoolee dubartootaa mudatan furuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi walta’iinsaan akka hojjetanis gaafataniiru.

Haleellaa fi tuttuqqan dubartootarratti raawwatan guyyuu dabalaa jiraachuu kan kaasaan Pireezidaanti Saahilawarqi, haleellawwan raawwataman akka dhaabbatan tattaffii taasisuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru.

Baatii darbe Finfinneetti Yaa’ii Dureewwan Afrikaa gaggeeffamerratti wixineen konveenshinii qophaa’e ragga’uun rakkoolee dubartootaa ardichaa furuuf tarkaanfii abdii qabeessa ta’uus himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment