Ragaan gamtaan Awurooppaa naannoo Tigraay ilaalchisee baase dhugaa qabatamaan jiru kan ibsuu miti – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Ragaan gamtaan Awurooppaa naannoo Tigraay ilaalchisee baase dhugaa qabatamaan jiru kan hin ibsine ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.

Gamtaan Awurooppaa deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay ilaalchisee ragaan dhiyeessaa jiru haala qabatamaa jiru kan hin hubannee fi dhugaarraa kan fagaate ta’uu mootummaan Ityoophiyaa ibseera.

Gamtichi ragaan naannicha ilaalchisee baase deeggarsa namoomaa taasiifamaa jiru kan hin hubannee fi ragaa qabatamaan kan hin deeggaramne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen beeksiseera.

Mootummaan Ityoophiyaa duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannichatti erga eegalee jalqabee Gamtaan Awurooppaa ragaa madaala hin eegnee fi sirrii hin taane baasaa jiraachuu ministeerichi ibseera.

Guyyaa haleellaan Raayyaa Ittisaarratti raawwatee jalqabee tarkaanfii seeraa yakkamtootarratti fudhatamaa jiruu fi yakkamtoota adamsuun seeraatti dhiyessuuf hojjetamaa jiru callisaan ilaalaa tureera jedha ibsichi.

Hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu erga xumuramee booda mootummaan bu’uuraalee misoomaa miidhaman deebisee ijaaruu fi deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf hojii cimaa hojjetaa jiraachuu ibseera.

Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa akka walga’uuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ministeerichi eereera.

Hojiin hojjetamaa jirus Ejensiiwwan dhaabbata mootummoota gamtoomaniin akka daawwatamu taasiifamuu himeera.

Badii fi yakki garee ABUT Komishinii Deeggarsa Namoomaa walabaan akka qoratamu taasiifamuu fi bu’aan qorannoos ifoomuu himeera.

Haaluma kanaan garee badichaa hojiin seeraatti dhiyeessuu hojjetamaa jiraachuu beeksiseera.

Ityoophiyaan baqattoota biyyoota 27 irra walitti dhufan miiliyoona 1 ol simachuun keessummeessaa jiraachuu fi baqattoonni Eertiraas mirgi idila addunyaa isaanii kabajamee haaluma walfakkaatuun jiraachaa akka jiran ibseera.

Gamtaan Awurooppaa akkuma kanaan duraa Ityoophiyaatti misoomnii fi nageenyi akka itti fufuuf deeggaraa gaarii ta’uutu irra jiraata jedha ibsi Ministeerri Dhimmi Alaa galgala kana baase.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment