Ragaaleen sobaa baayyachuun kenniinsa tajaajilaarratti qormaata ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Waraqaa Eenyummaa, waraqaa raga cidhaa fi kaartaa qabiyyee lafaan walqabatee ragaaleen sobaa  baayyachuun kenniinsa tajaajilaarratti qormaata ta’uu Tajaajilli Galmeessaa fi Mirkaneessa Ragaalee ibse.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti miseensonni  koree dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi diimokiraasii sochii hojii Tajaajila Galmeessaa fi Mirkaneessa Ragaalee daawwataniiru.

Ragaaleen sobaa baayyachaa dhufuun hojiilee tajaajilichaarratti dhiibbaa uumuu daayrektarri olaanaan tajaajilichaa Muluuqan Amaareen ibsaniiru.

Baatiiwwan 6 darban qofaatti ragaaleen sobaa 231 qabamuu ibsuun kanneen keessaa 152 waraqaa eenyummaa %26 ammoo ragaalee sobaa gaa’elaa ta’uu  eeraniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment