Ragaalee barnootaa kuma 18 sakata’aman keessaa 900 kan sobaati-ATLB

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)- Mirkaneessa seeraa qabeessummaa ragaalee barnootaa kuma 18 irratti taasifameen ragaaleen 900 soba ta’anii argamuu Abbaan Taayitaa Leenjii Barnootaa beeksise.
 
Abbaan Taayitaa Leenjii Barnootaa qindoominaan kenniisaa eeyyama barnoota olaanoo, haaromsa eeyyamaa, hordoffii fi to’annoo irratti walta’iinsaan hojjechuuf qamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.
 
Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Shifarraa Shugguxee, waltajjicharratti dhimmi ragaalee barnootaa sobaa hammaachaa dhufuu ibsaniiru.
 
Bara baajataa kanas sirrummaa fi seera qabeessummaa ragaalee barnootaa maamiltoota kuma 18 akka mirkanaa’uuf gaafatame keessaa 900 kan ta’an sababa addaa addaan ragaalee sobaa ta’anii argamuu dubbataniiru.
 
Kanaaf qulqullina leenjii barnootaa fi madaallii akkasumas sirrummaa mirkaneessuun tattaaffii waloo kan gaafatu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment