Raayyaan Ittisaa magaalaa Aksum erga galee naannichaatti nagaan bu’eera – jiraattota

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa erga magaalaa Aksum galee naannichaatti nagaan bu’uu jiraattonni magaalichaa dubbatan.

Jiraattoonni kunneen tajaajiloonni adda citanii turan ariitiin akka eegalan gaafataniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa erga magaalaa Aksum galee sosochiin idilee eegalamuu himaniiru.

Tajaaliloonni adda citanii turan kanneen akka tajaajila Baankii, elektirikii fi kanneen biroon ariitiin eegaluu akka qaban jiraattoonni magaalaa Aksum gaafataniiru.

Keessattuu rakkoon bishaan dhugaatii yeroo gabaabaa keessatti furamuu akka qabu gaafataniiru.

Jiraattoonni magaalichaa hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu Raayyaa Ittisaan gaggeeffamaa jiru milkeessuuf qooda isaanii ba’uuf qophii ta’uu isaanii himaniiru.

Jiraattoonni magaalichaa iddoolee garaagaratti baqatanii jiran magaalaan Aksumitti nagaan waan bu’eef gara qa’ee isaanitti akka deebi’an ergaa dabarsaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

 

Comments (0)
Add Comment