Raayyaan Ittisaa Juuntaa qofa osoo hin taane harcaatoota siyaasaa isaa walii barbadeesseera – Jeneraal Birihaanuu

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC) – Raayyaan Ittisaa Juuntaa qofa osoo hin taane harcaatuuwwan faddaaltoota siyaasaa isaa walii barbadeessuu Itaamaajooriin waliigalaa Humna Waraanaa Jeneraal Birihaanuu Juulaan ibsaniiru.
Duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu Raayyaa Ittisaan gaggeeffame Ityoophiyaa lola wal waliinii fi bittinnaa’uurraa baraareera jedhan.
Lolicha torbee muraasa keessatti xumuruun kisaaraa guddaa osoo hin qaqqabsiin yeroo gabaabaa keessatti injifannoon argameera jedhan Itaamaajooriin waliigalaa Humna Waraanaa Jeneraal Birihaanuu Juulaan.
Duula gaggeeffame keessatti Kiiloo Meetira 700 ol imaluun tokkoon tokkoo gaarreenii keessa hojiin diina qululleessuu hojjetamuu himaniiru.
Holqawwan hoggantoonni Juuntaa keessa dhokatan seenuun to’annoo jala oolchuun danda’ameera jedhan.
Juuntaa humna waraanaa isaa waliin barbadeessuu fi waraana haqa qabeessa taasiisuun yaalii gara jabinaa garichi taasiisaa ture fashaleessuun danda’amuu Itaamaajooriin waliigalaa Humna Waraanaa Jeneraal Birihaanuu Juulaan ibsaniiru.
Ifatti gocha biyya diiguu, farra biyyaa fi madda yaaddoo ummataa kan ture humna Juuntaa akka hin deebineetti awwaalluun danda’ameera jedhan Jeneraal Birihaanuun.
Raayyaan Ittisa Biyyaa wareegama biyya tasgabbeessuuf taasiise seenaan bara baraan ni yaadata jedhan.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment