Raayyaan Ittisaa haleellaa Ityoophiyaarratti aggaamamu kamiiyyuu ga’umsaan qolachuuf qophiidha – Jeneraal Geetaachaw Guddinaa

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Raayyaan Ittisaa qocholloo fi haleellaa Ityoophiyaarratti aggaamamu kamiiyyuu ga’umsaan qolachuuf qophummaa ga’aa qabaachuu ajajaa olaanaan Ajaja Kaaba Lixaa Jeneraal Geetaachaw Guddinaan ibsan.

Karoora biyya diiguu gareen shororkeessaa ABUT ergamtoota isaa waliin karoorsee ture raayyaan ittisaa haala walxaxaa keessa taa’ee fashaleessuu danda’uu kaasuun, nageenya fooyya’aa duulichaa booda argametti fayyadamuun dhaabbatichi gama haamilee, humna namaa, dandeettii fi meeshaan guutuu fi cimaa taasisuun danda’amuu eeraniiru.

Raayyaan ittisaa yeroo isaa guutuu leenjiirratti dabarsuun ga’umsa injifannoo amansiisaa fiduu isa dandeessisurratti geessisuun danda’amuu fi qaamolee biyyattii tuquu yaadan irratti akkaataa kallattii mootummaan kaa’uun tarkaanfii keessa deebii hin qabne kan fudhatu ta’uu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa dhaabbatichi adeemsa raayyaa ittisaa Ityoophiyaa fakkaatu ijaaruu milkeessuu fi raawwii dirqamaa itti aanuuf ga’een isaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Ibiddi kutaa Ityoophiyaa kamirraayyuu ka’u hunda kan miidhu ta’uu hubachuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, qaamoleen sababoota garaagaraa ka’umsa godhachuun ABUT fi ergatoota isaaf deeggarsa taasisan gocha isaaniirraa akka of qusatan yaadachiisuu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment