Raayyaan Ittisaa gabatee konkolaattootaa haaraa hojiirra oolche

Finfinnee, Hagayya 27, 2015 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa gabatee konkolaattootaa haaraa hojiirra oolchuu beeksiise.

Lakkoofsi gabatee konkolaattootaa haaraan kun Hagayya 25, 2015 eegale hojiirra ooluu ifoomseera.

Qajeelchi olaanaa Loojistiiksii Raayyaa Ittisaa Konkolaattoota dirqama kutaa lolaa raawwachuuf dandeettii dabalataa ta’aan ajajootaa fi kutaalee waraanaa garaagaraaf laateera.

Hoggantoonnii fi ogeeyyiin qabeenya kanneeniif kunuunsaa fi eeggumsa barbaachisu akka taasiisan itti gaafatamaan Qajeelcha olaanaa Loojistiiksii Raayyaa Ittisaa Leetanaal Jeneraal Abduraahimaan Isimaa’eel ibsuu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment